Obboleeyyummaa Keenya Haacimisiinu

Obboleeyyummaa Keenya Haacimisiinu

Ibsaa Namarraa

Tibbana magaalaa guddoo naannoo Amaaraa kan taate Baahir Daritti waltajjiin marii waliinii uummattoota Oromoo fi Amaaraan gaggeefame jiraa. Jilli Oromiyaa waltajji kana irratti hirmaate, nmoota 250 kan qabu ymmu ta’u, isaaniis abbootii gadaa, jaarsoolii biyyaa, abbootii amntaa, haayyoota, artistoota fi hogansa naannichaa irraa kan bobbahni dhaa. Jilli kun prezidaantii naannichaa obboo Lammaa Magarsaatin kan duurfamaa ture. Waltajjiin Baahir Daar preezidaantoota naannoolee lamaaniin, jeechuunis; obbo Lammaa Magrsaa fi obbo Gaddu Andaargaachawitin duurfame. Waluma galaatti waltajjiicha irratti namoonni kuma 1 fi ibba 5 hirmaatanii jiru.

Haariiroon uummattoota Oromoo fi Amaaraa giddu jiru haaraa miti; gara jaarraa shan lakkoofsise jiraa. Uummattoonni lamaan kun dangaa dheeraa walqodu. Gara Oromiyaa kaabaatin uummattonni lamaan laga guddich Abbayyaa gamaaf gamana jiraatu. Laga Abbaayyaa walqodu jeechu dhaa. Uummanni Amaraa tibbana jila wltajji obboleeyyummaa irratti hiirmaachuuf imale riqicha laga abbaayyaa irratti simate.

Ummattoonni Oromoo fi Amaraa haariiroo jaarraa 5 lakkoofsise keessa seenaa calaqqiisaa walii ijaarratani jiru. Akkuuma Uumata dangaa walqudu kamiyyu, gaa’ilaan walitti hiidhamanii jiru. Uummanni Oromoo sirna guddifachaa, haarma hodhaa fi moggaasaatin dhalattoota Amraaraa hedduuf goosa moggaase ofiti haammatte waliin jiraacaa bahe. Kana malees naannoon Oromiyaa giddu gala biyyatti irratti waan argamuuf, akkasumas magaalaan guddicha biyyatti – Finfinneen haandhuura Oromiyaa keessa awaan argamtuf dhalattoonni Amaraa hedduu hojii gara graatif, daldalaff . . . gara Oromiyaatti imalanii, gaa’ilaani fi walittidhuufeeyna kan birootin Oroomoota waliin firoomani jiru.

Yeeroo ammaa; dhalattoonni saba Amara miliyoonaan lakkaawaman Oromiyaa keessa jiraatu. Kanneen keessa kan Oromiffaan afaan hiikani lakkoofsi isaani salphaa miti. Baay’een isaani Oromiffaa qajeelatti dubatu. Gar biraatin, uumata Oromoo keessa gara haarka 20 kan ta’an Amaariffaan qajeelatti waliigalu.

Uummattooni Oromoo fi Amaraa, Itiyoophiyaan biyya bilisuummaa fi birmaduummaa qabdu taate akka ijaaramtu godhu keessa qooda ol’aanaa qabu. Waraana seena qabeessaa Aduwaa irratti sabonni lameen walcinaa dhaabatani gotuummaan arsaa lubbuu kafalani jiru. Bol’a tokko kees awwaalamni lafeen isaani walmakame jiraa. Diina isaani moo’ani seenaa hinjifanno boonsaa qooddatani jiru. Qabsoo waggooti shan weerara Xaaliyaann ittiisuuf adeemsifame irrattis waliin falmani jiruu. Weerara Somaaliyaa ittiisuufis walcinaa dhaabatani falamani jiru. Dhaabbanni amma Oromiyaa bulchaa jiruu – DhDUOn, dhaabbata amma Amaaraa bulchaa jiru keessa burqe. Dugaa dhaa; seenaa armaan oli kun kan uummattoota lameen qoofa miti, saboonni, sablammoonni fi uumattoonni biyyatti kan biros seenaa kana walqodu.  

Egaa; uummattoni lameen waliti hiidhiinsa jaarraa dheeraa kan lakkofsise  yammu qaban, amma akka haaraa walbeeksisuun maliif barbaachise laata?

Jalqabarraa; heera mootummaa feedraalawaa uummattoonni Oromoo fi Amaaraa saboota, sablammoota fi uummattoota kan biro walin ta’ani tuuman irratti, hwaasaa siyaasaa fi dinagde tokko ijaaruuf waligalani jiru. Waltajjiin marii uummattoota Oromoo fi Amaaraa tibban adeemsifame, akka rawwi heera mootummaa fuudhatamu dandahaa., Kana malees waltajjiin uummattoota tibbanaa, deegarasa heera mootummaa fedaraalawaa fi heeroota naannoolee lamaani qabaa.

Heerri mootummaa feedaraalawaa, mataduure Kaayyoowwan Siyaasaa jeedhu jala keeyyata 88, lakkoofsa 2 irratti; Mootummaan eenyummaa saboota, sablamoota fi uummattoota kabajuu fi kanuma  irratti huundaahu dhaan giddu isaanitti walqixxummaa, tokkummaa fi obboleeyummaa cimsu qaba jeedhaa. Dhimmuumti kun, heera mootummaa naannoo Oromiyaa, keeyyta 103 irratti, akkasumas heera mootummaa Amaraa keeyyata 109 irratti argamaa.

Mootummaan feedaraalawaa labsi keeyyata kanaa; guyaa saboota, sablammoota fi uummattoota bara baraan Sadaasaa 29 kabajamu dabalate, waltajjii gara garaan fixaanbaasaa jiraachun isaa beekamaa dhaa. Yaata’u malee, hojiin gahaa raawwatame jiraa jeechuun hindandaahamu. Dhugaa haasahuuf; seenaa jaarraa kurmaana darbe keessa, tokkummaa sabaaf sablammootaa caalaa, garaagarummaa isaan giddu jiru irratti hojjatame. Tokkummaa garaagarummaa keessa qabnu hirraanfanne jirraa jeechuun nidanadahamaa.  

Mootummoonni naanoolee Oromiyaa fi Amara heera mootummaa isaanii, keyyata 103 fi 109 irratti argamu hanga ammaa haala akkamitin fixaanbaasaa akka turan raga gahaa hinqbu. Ta’ulle; waltajjiin walii tibbana Baahir Daaritti gaggeefame akkaataa heera mootummaa isaan irratti ibsame, obboleeyyummaa uummattoota lameen cimsachuuf kan raawwatamae godhame fudhatamu dandahaa. Dugaa dhaa; walatajjiin akkanaa yammoo adeemsifamu inni tibanaa kan isa jalaqabaa miti. Kanaan duura naannoollee Amaraa fi Tigraay giddu magaala Maqaleetti adeemsifamuun isaas niyaadatamaa. Dhiyoo kana magaala Gondaritti admeesifamuuf sagantaan akka qabmmees quba qabna.

Gara biraatin gaaffiin waltajjii waliinii kana yeero ammaa adeesisuun mallif barbaachise? kan jeedhu ka’u nimalaa. Egaa, akkuuma beekamu yeero ammaa haariiroo uummattoota Oromoo fi Amaaraa gidduu ture irratti raakkon mul’achaa jiraa. Uummattoota Oromoo fi Amaara giddu hariiroo jaarraa shan lakkoofsise haajiraatu male; dhiyoo kana gocha bekaani fi wallaalummaa raawwatamu irraa kan ka’e duukanaahaa dhufe jiraa.

Sirnoota darban keessa saboota fi sablmmoota biyyatti irrati haacuuccaan haammaa raawwatmaa turun isaa ifaa dhaa. Haacuuccaa kanaan mirigi namuummaa fi bilisummaa saboota, sablammoota fi uummattoota sarbamani turun isasa ifaa dhaa. Garuu; gochi mirga namuummaa fi bilisummaa sarbuun kun, sabni tokko saba biraa irratti kana raawwate osoo hintaini, sirna oftultootaan sboota fi sablammoota mara irratti kan raawwatame dhaa. Kanaafu haacuuccaa raawwatamee kanaan sabni tokko itti gaafatamu hindandahu.

Yaata’u male; dhuggaan lafa jiruu haala faallaa ta’een dhiyaate, keessattu sabni Amaaraa saboota kan biro irratti akka haacuuccaa raawataee godhamee fudhatamuun isaa nibeekamaa. Dabalatees; oftultoonni fi dhibboonni gara lamaanu jiran, wanta kana asiif achi haarkisaa uummattoota lamaan giddu sulula uumanii akka walshakku taassisani jiru. Gareewan siyaasaa tokko tokko ammo, haala kana bu’aa issanitif fayyadamuuf jeecha walshakki uumattoota lameen giddu uumame afraasani akka diina akka wal ilaalu taassisani jiru. Haalli kun jabaachaa demee, walittibu’inaan ifibsu jalqbuun isaas dhugaa mul’atu dhaa.

Haala kanaan haariiroon uummattoota lamaan gidduu ture fokkataa dhufe jiraa.  Knaafu; haariiroo fokkataa dufee uummttota lamaan giddu jiru kana foyyeessuun barabachisaa ta’e argame jiraa. Kaayyoon waltajjii marii waliini uummattota lamaan tibbana adeemsifame, haariiroo fokkataa ta’aa dhufe foyyeesuu dhaan, walitti dhufeeynaa duraan isaan giddu ture haaroomsu dhaa.

Walummagalatti; waggooti kurnan daraban lamaaf walakaa keessa, tokkummaa saboota, sablammoota fi uumattoota giddu jiru fi jiraachu qabu iraa, garaagarummaan isaani caalaan ifaa ta’e mul’ate jiraa. Adeemsi kun ammo heera mootuummaa waliin walhingitu. Kanaafu akkaataa seensaa heera mootummaa feedaraalawaa irrti ibsame; akkasuumas akkaataa keeyyta 88 heerichaa fi heeroota mootummoota naannoolee irratti dhimma kana ilaalchise labasameetti, tokkummaa fi obboleeyyummaa sabaaf sablammoota giddu jiru cimsuuf hojjachuun brbacisaa ta’uun isaa huubatamu qabaa.   

Leave a Comment