Nageenyi fi Misoomni; Lubuu fi Qaama

Nageenyi fi Misoomni; Lubuu fi Qaama

 

Ibsa Namarraa

Yammuu jeeqni wanta idle ta’u sodaan olanttummaa argtaa. Sodaan abdii dukkaneessaa. Soda keessa abdiin hinjiru; dureeyyoonni qabeenya isaani hojii irra olchu irraa qustu. Yammuu jeeqni fi walitti-bu’insi olantummaa argatani nageenyi badu; duti, dhuukubni, beelli, godaansi . . . jiruu idlee ta’u. Yeroo ammaa Soriyaa, Libiyaa, Yaman, Iraaq, Sudaan Kibbaa keesa kan mul’atu kanaa.

Maddi jeequmsa fi walitti-bu’insa hiyyuummaa, dhabinsa bulchinsa gaarii, dhabinsa haqaa, dhabinsa demokraasi dhaa. Ta’ulle, jeeqni fi walitti-bu’inasi rakkoollee kanaaf furmaata hinta’ani. Kanaafu ummanni gaaffiilee isaa karaa nagayaatin dhiyeessaa, balaaleeffanaa isaa negeenyaani fi haala tasgbaayeen ibsachaa karaa furmaata ittiin argatu mijeessuu qabaa. Karaan qajeelaa kana qoofa.

Soriyaa keessa jeeqni takka jeedhe kana jalqbe A L A bara 2011 hiiriira balaaleeffannaa magaalootaan ture. Haata’u malee hiiriiroonni balaaleffannaa kun haala sirrii ta’een waan hinqabaneef; akkasuumas haarki qaamoota lixa Awrooppaa mootummaa Bashir Al Asaad fonqqoolchuu barabadan itti seenee too’anna ala bahee. Kanaan booda gareewwan looltoota xixiqqoon ijaaramani qabsoo hidhannoo jalqaban. Gareewwan kana qawwee kan hidhachisan biyyoota lixa Awrooppaa fi Ameerikaa turan. Qawaa haala knaan baname fayyadamaa, gareen IS jeedhamu Soriyaa keessa lafa qabate babal’achu jalaqbe. Haala kanaan Soriyaan biyya ta’uun ishee seenaa ta’aa dhufe.

Amma Soriyaan dirree gareewwan xixiqaa qawwee fi rookkeetti biyyoota Awrooppaa fi Ameeriikaa hidhtan kan ittiin walaajjeesani taate jirti. Biyoonni abbaa irree Awrooppaa fi Ameerikaanis feedhi ofii guttachuuf xiyyaaraan boombii itti robsaa jiruu. Jeequumsa fi walitti-bu’insa kanaan lammiileen biyyatti miliyoona kurmaana ol ta’an du’ani jiruu. Kan miliyonaan lakkaahaman ammo biyyaa baqatanii kampii koligaltoota keessa dararamaa jiru. Soriyaan amma biyya ittiin hojjatani, matii hoorani ittiin jiraatan miti. Warsholeeni fi dhaabbooleen tajaajila hawaasaa gutumaangututti  barbadaa’ani jiru. Hambaaleen biyyatti UNSCOn galamaahan illee barabadaahani jiru. Mootummaan Bashir Al Asaada oftulaa ta’uun isaa dhugaa dhaa. Garuu Karaan  mootummaan Al Asaad itti jijjiramu kana hintturre.  

Gara biyya keenya, Itiyoophiyaatti haadebinu. Itiyoophiyaa keessa, keessattu bara 2008 eegalee iddoowwan gara garaa jeeqni fi walitti-bu’insi mudate ture. Haalli kun lammiilee heeddu yaaddeessee ture. Kan yaaddeessaa ta’ee, jeequumsi fi walitti-bu’insi abshaalummaan too’atamu dhabe yoo haarkaa miliqee, nageenya biyyatti balleessuu waan dandahuufi. Lammiileen heeddu jeeqni kun too’anna jala akka olu haawwani turan.  

Lammileen nageenya haawwaniru jeechuun garu, rakkoon ummata komachisee fi balaaleeffanaaf kakkaasee hinjiru jeechu miti. Rakkooleen dadhabbiina raawwii mootummaa irraa maddan heeduun nijiru turan. Ummanni rakkoolee kana baattatee obsaan jiraachu qabaa jeechuus miti. Garuu, mormiin ummanni kaasu, qaamoota biyyatti barabadeessuuf kaayyeefataniin butame gara walitti-bu’insatti jijjirame nageenya biyyatti akka hinballeesine haala tasagbaayeen adeemsifamu qabaa ture.

Mootummaan biyyatti fi ADUWIn rakkoon qabatamaa ummata komachisee fi balaaleeffanaaf kakkaasee jiraachu isaa hubatani, rakkoolee kana sirreessuuf wadaa seenani jiru. Rakkooleen ummata komachisan; dhabiinsa bulchinsa qjaeela, babal’insa ilaalcha fi gocha kiraa funaantummaa, dhabiinsa haqaa, hojii dhabiinsa dargaggoota . . .turan. Mootummaan rakkooleen kanneen jiraachu isaani amane sirreessuuf ka’e. Sochiin haaroomsa gadifageenya ifaan kan labsme mootummani fi ADUWIn of qulqulleesani humna fi kaka’umsa gaaffiiwwan ummata deebisuu dandeessisu hoorachhufi.

Erga soochiin haaroomsa gadi fageeyna jalqabame, tarkkaanfileen qabatamaa fudhatamaniru. Mootummaan feedaraalawaa hoogantoota siyaasaa sadarkaa ministeerra irra  jiran jijjiirera. Naannooleen Oromiyaa, Amaara, Kibba Itiyoophiyaa fi Tigraayis tarakaanfii walafakkaatu fudhataniru. Dirree sochi siyaasaa biyyatti bal’isuuf paartilee siyaasaa mormiitoota waliin labsiiwwan filannoo fi kana biro irratti falmiin godhame seeroonni haala dirree siyaasa babal’isuu dandahuun akka foyya’an walaigalaterra gahame jiraa.

Kana malees, daragagoota hojii dhabiyyeef hojii uumudhaan fayyadamoo tassisuuf imaamni hirmaannaa misooma dargaggootaa akka foyyaa’u godhame jiraa. Carraa hojii dargaggoota uumuuf kan olu qarshiin liqii biliyoona 10 mootummaa feedraalawaatin ramadame jiraa. Qarshii liqii kana keessa wlakkaan gadlakkiifame naannooleef ramadame hojiirra olu jalaqaba jiraa. Dhugaa dhaa; akkooleen waggooti baay’eef kana kufamani fi rakko ilaalcharra kan maddan waan ta’eef gutummaan gututti fyrmaata hinarganne. Ta’ulle wanti abdachisaa mul’ate jiraa. Garuu, wanti abdachisaa kun osoo jiruu iddo tokko tokkootti jeequumsi fi walitti-bu’insi mudate jiraa.

Haala kana irraa ka’u dhaan, koreen hojii raawachiftu ADUWI raawwii tarakaanfi haaroomsa gadi fageenya gamaaggamee, rakkoolee kan biroo irrttiis iftoominaan mari’ate murteewwan furmaata argamsisu dandahu jeedhame itti amaname dabarse jiraa. Murteewwan koree, gubbaarra hanga gadjalaatti busuudhaan raawachifummaa isaaniif haala mijeessuuf soochiin jalaqabame jiraa. Garuu ammas osoo kun ta’aa jiruu iddo tokko tokkotti walitti bu’insi mudate jiraa. Wlitti-buinsoonni kun komii umtaa iraa kana ka’ani dhaa jeedhani fudhachuun rakkisaa dhaa. Ragooleen kan mul’isan shiira dinoota biyyatti ta’u isaaniti. Galmi isaaniis ummattoota biyyati enyummaa isaanitin walitti-busu dhaan biyyatti akka Soriyaatti barabadeesu dhaa.

Kanaafu; Itiyoophiyaantoonni eegganoo godhu qabu. Duraan durse, mootummooleen feedraalawaa fi naannoolle rakkoolee ummata furuuf waadaa seenani tarakaanfi bu’aa qabeessa fudhaa jiruun isaani hubatamu qabaa. Jeequmsi fi walitti-bu’insi kana giddu uumamu mootummaa hojii issarraa gufachisuun ala bu’aa hinqabu. Walitti-buinsi fi jeeqni dhiyoo kana mudatan ka’umsa qabatamaa hinqabani. Kun ammoo shiira dinoota biyyatti ta’u isaa mirkaneessaa. Kanaafu, ummanni nageenya isaa tikfachuuf dammaqu qabaa.

Nageenyi yoo hinjiraanne missomni fi hojiin hinjiru. Missomni fi hoojiin yoo hinjiraanne; jireenyi, bultiin, dhalchani guddiisuun, barsiisuun, gaa’ilaaf qaqqabsisuun, qabeenya hooruun, uumrii dullumina yaadanoo darbee dhadhaamachaa dabarsuun . . . hinjiru. Yammuu nageenyi badu missomni du’ee tortoraa. Misoomni tortoraa; hiyyummaan, kooagaltummaan, beelaan, dhukuubaan … if ibsaa. Nageenyi fi missomni;  Lubuu fi qaama. Kanaafu; keessattu daragaggooni miraan ofamu irraa of qusatani, miira tasgabba’een nageenya isaani tikafachu qabu.

Leave a Comment